-
Baʼuu 7:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Harka koo Gibxii irratti yommuun diriirsuu fi Israaʼelota isaan gidduudhaa yommuun baasu, warri Gibxii ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beeku.”+
-
-
Baʼuu 9:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Amma ani harka koo diriirsee sii fi saba kee dhaʼicha guddaadhaan rukutuu nan dandaʼan ture; atis lafa irraa haxaaʼamtee ni balleeffamta turte. 16 Haa taʼu malee, ati lubbuudhaan akka jiraattu kanan godhe, humna koo sitti argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.+
-
-
Keessa Deebii 4:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Yookiin Waaqni keessan Yihowaan biyya Gibxii keessatti ijuma keessan duratti akka isiniif godhetti, murtiiwwaniin, mallattoowwaniin, dinqiiwwaniin,+ waraanaan,+ harka jabaadhaan,+ irree diriirfameen, akkasumas gochawwan sodaachisoo taʼaniin+ saboota kaan keessaa ofii isaatiif saba tokko fudhachuuf yaadee beekaa?
-
-
2 Saamuʼel 7:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Yaa Waaqayyo ati dhaqxee wantoota guguddaa fi sodaachisaa taʼan isaaniif gootee+ maqaa kee waamsifachuudhaan+ saba kee furteetta.+ Ati saba kee warra ofii keetiif Gibxii jalaa furteef jettee, sabootaa fi waaqolii isaanii ariiteetta.
-