-
Baʼuu 7:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yihowaan akkana jedha: “Ani Yihowaa taʼuu koo kanaan ni beekta.+ Kunoo, ulee isa harka koo keessa jiruun bishaan Laga Abbayyaa keessa jiru nan rukuta, bishaanichis gara dhiigaatti jijjiirama.
-
-
Baʼuu 8:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Museenis Faraʼooniin, “Raachawwan kun si irraa, tajaajiltoota kee irraa, saba kee irraa fi manneen kee irraa akka balleeffaman akkan siif kadhadhu kan barbaaddu yoom akka taʼe atumti natti himi. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu” jedhe. 10 Yeroo kanatti inni, “Boru” isaan jedhe. Kanaafuu inni akkana jedhe: “Ati akka Waaqa keenya Yihowaa kan taʼe tokko illee akka hin jirre+ akka beektuuf, akkuma jette ni taʼa.
-
-
Baʼuu 9:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Museenis akkana isaan jedhe: “Ani magaalattii keessaa akkuman gad baʼeen, harka koo Yihowaa duratti nan diriirsa. Lafti kan Yihowaa taʼuu ishii akka beektuuf,+ kakawween sun ni dhaabbata; cabbiin sunis sana booda itti hin fufu.
-