LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 9:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ati guutummaa lafaa irratti kan akka kootii tokko illee akka hin jirre akka beektuuf,+ amma ani siin, tajaajiltoota kee fi saba kee akka rukutuuf dhaʼicha koo hundumaa nan erga.

  • Baʼuu 15:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii eenyu?+

      Akka kee qulqullummaadhaan hundumaa irra kan caalu eenyu?+

      Ati sodaatamuu fi jajamuu qabda; wantoota dinqisiisoo taʼanis situ raawwata.+

  • Faarfannaa 83:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe,+

      Guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii+ taʼuu kee namoonni haa beekan.

  • Faarfannaa 86:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii hin jiru,+

      Hojiin kan akka hojii keetiis hin jiru.+

  • Isaayyaas 46:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Wantoota bara durii* yaadadhaa,

      Ani Waaqa akkan taʼe, ana malees kan biraan akka hin jirre yaadadhaa.

      Ani Waaqa dha, kan akka kootii tokko illee hin jiru.+

  • Ermiyaas 10:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yaa Yihowaa, kan akka keetii hin jiru.+

      Ati guddaa dha, maqaan kees guddaa fi jabaa dha.

       7 Yaa Mootii sabootaa,+ kan si hin sodaanne eenyu? Ati sodaatamuu qabda;

      Sababiin isaas, ogeeyyii sabootaa hundumaa gidduudhaa, mootummoota isaanii hundumaa gidduudhaas,

      Kan akka keetii tokko illee hin jiru.+

  • Roomaa 9:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Faraʼoon, “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi” jedha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi