-
Baʼuu 8:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Museenis Faraʼooniin, “Raachawwan kun si irraa, tajaajiltoota kee irraa, saba kee irraa fi manneen kee irraa akka balleeffaman akkan siif kadhadhu kan barbaaddu yoom akka taʼe atumti natti himi. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu” jedhe. 10 Yeroo kanatti inni, “Boru” isaan jedhe. Kanaafuu inni akkana jedhe: “Ati akka Waaqa keenya Yihowaa kan taʼe tokko illee akka hin jirre+ akka beektuuf, akkuma jette ni taʼa.
-