LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 7:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Harka koo Gibxii irratti yommuun diriirsuu fi Israaʼelota isaan gidduudhaa yommuun baasu, warri Gibxii ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beeku.”+

  • Baʼuu 7:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Yihowaan akkana jedha: “Ani Yihowaa taʼuu koo kanaan ni beekta.+ Kunoo, ulee isa harka koo keessa jiruun bishaan Laga Abbayyaa keessa jiru nan rukuta, bishaanichis gara dhiigaatti jijjiirama.

  • Baʼuu 8:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Museenis Faraʼooniin, “Raachawwan kun si irraa, tajaajiltoota kee irraa, saba kee irraa fi manneen kee irraa akka balleeffaman akkan siif kadhadhu kan barbaaddu yoom akka taʼe atumti natti himi. Isaan Laga Abbayyaa keessatti qofa hafu” jedhe. 10 Yeroo kanatti inni, “Boru” isaan jedhe. Kanaafuu inni akkana jedhe: “Ati akka Waaqa keenya Yihowaa kan taʼe tokko illee akka hin jirre+ akka beektuuf, akkuma jette ni taʼa.

  • Baʼuu 8:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Guyyaa sanatti ani dhugumaan biyya Gooshen isa sabni koo keessa jiraatan sana addaan nan baasa. Achi keessa qarxaasaan hin jiraatu;+ kanaanis isin ani Yihowaan biyyattii keessa akkan jiru ni beektu.+

  • Baʼuu 14:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Ani Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu nan heyyama;+ innis isaaniin ni ariʼa; anis Faraʼoonii fi guutummaa raayyaa waraanaa isaatti fayyadamee ofii kootiif ulfina nan argadha;+ warri Gibxiis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni beeku.”+ Kanaafuu, isaan akkanuma ni godhan.

  • Keessa Deebii 10:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Kunoo, samiin, samiin samiiwwanii illee, laftii fi wanti ishii irra jiru hundis kan Waaqa kee Yihowaa ti.+

  • Faarfannaa 24:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Laftii fi wanti ishii keessa jiru hundi,

      Lafti oomisha kennituu fi warri ishii irra jiraatan kan Yihowaa ti.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi