-
1 Mootota 20:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Achiis namni Waaqa dhugaa sun mootii Israaʼelitti dhihaatee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Warri Sooriyaa, “Yihowaan Waaqa gaarotaa ti malee, Waaqa dirreewwanii miti” waan jedhaniif, namoota hedduu kana harka keetti dabarsee nan kenna;+ isinis ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beektu.’”+
-
-
2 Mootota 19:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yaa Yihowaa, mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii akka balleessan beekamaa dha.+
-
-
2 Mootota 19:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, maaloo yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+
-