-
Keessa Deebii 9:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Yaa Israaʼel dhagaʼi, ati harʼa Yordaanosiin ceetee+ seenuudhaan biyya saboota si caalaa guguddoo fi ciccimoo taʼan,+ magaalota guguddoo dallaawwan dhagaa samii bira gaʼan qaban,+ 2 warra namoota guguddoo fi dhedheeroo taʼan, jechuunis ilmaan Anaaqiim+ warra ati waaʼee isaanii beektuu fi ‘Eenyutu ilmaan Anaaqiim dura dhaabbachuu dandaʼa?’ yeroo jedhamu dhageesse sana qaban ni fudhatta. 3 Kanaafuu, Waaqni kee Yihowaan si dura akka ceʼu harʼa beeki.+ Inni ibidda gubee balleessu dha;+ haxaaʼees isaan ni balleessa. Akkuma Yihowaan waadaa siif galetti, ati daftee akka isaan ariituu* fi akka isaan balleessituuf ija kee duratti akka isaan moʼaman ni godha.+
-