- 
	                        
            
            Baʼuu 14:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
17 Anis warri Gibxii isaan booda akka itti seenaniif garaan isaanii didaa akka taʼu nan heyyama; akka kanaan ani Faraʼoonittii fi raayyaa waraanaa isaa hundumaatti, gaariiwwan fardaa isaattii fi abbootii fardeenii isaatti fayyadamee ofii kootiif ulfina nan argadha.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Iyyaasuu 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
9 Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            1 Seenaa Baraa 16:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
24 Ulfina isaa saboota gidduutti,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoos namoota hundumaa gidduutti labsaa.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Fakkeenya 16:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
4 Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf wanta hundumaa tolcheera,
Hamoota warra guyyaa badiisaatti adabaman illee kaayyoo isaatiif qopheesseera.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Isaayyaas 63:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
12 Inni irreen isaa inni ulfina qabeessi harka mirgaa Musee wajjin akka deemu godhe sun,+
Inni ofii isaatiif maqaa bara baraa argachuuf jedhee+
Isaan duratti bishaanota gargar hire sun,+
- 
	                        
            
            Roomaa 9:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
17 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Faraʼoon, “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi” jedha.+
 
 - 
                                        
 
 - 
	                        
            
            
 
 -