-
Baʼuu 9:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Amma ani harka koo diriirsee sii fi saba kee dhaʼicha guddaadhaan rukutuu nan dandaʼan ture; atis lafa irraa haxaaʼamtee ni balleeffamta turte. 16 Haa taʼu malee, ati lubbuudhaan akka jiraattu kanan godhe, humna koo sitti argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.+
-
-
Baʼuu 14:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Anis warri Gibxii isaan booda akka itti seenaniif garaan isaanii didaa akka taʼu nan heyyama; akka kanaan ani Faraʼoonittii fi raayyaa waraanaa isaa hundumaatti, gaariiwwan fardaa isaattii fi abbootii fardeenii isaatti fayyadamee ofii kootiif ulfina nan argadha.+
-
-
Roomaa 9:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Faraʼoon, “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi” jedha.+
-