-
Baʼuu 7:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Haa taʼu malee, garaan Faraʼoon amma iyyuu didaa taʼe;+ akkuma Yihowaan jedhes inni isaan hin dhageenye.
-
-
Baʼuu 8:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Faraʼoonis boqonnaa akka argate yommuu argu, garaan isaa didaa taʼe;+ akkuma Yihowaan jedhes isaan dhagaʼuu dide.
-
-
Baʼuu 8:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yeroo kanatti luboonni falfaltoota taʼan Faraʼooniin, “Kun quba Waaqayyoo ti!”+ jedhan. Faraʼoon garuu garaan isaa didaa taʼuu isaa itti fufe; akkuma Yihowaan jedhes isaan hin dhageenye.
-
-
Baʼuu 9:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Haa taʼu malee, Yihowaan Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame; akkuma Yihowaan Museetti himee turettis inni isaan hin dhageenye.+
-
-
Baʼuu 9:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Faraʼoon garaan isaa akkuma didaa taʼetti itti fufe; akkuma Yihowaan karaa Musee dubbatettis inni Israaʼelota hin gadhiisne.+
-
-
Baʼuu 10:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Haa taʼu malee, Yihowaan Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame;+ innis Israaʼelota hin gadhiisne.
-
-
Baʼuu 10:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Yihowaanis Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame; Faraʼoonis isaan gadhiisuuf tole hin jenne.+
-
-
Roomaa 9:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Faraʼoon, “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi” jedha.+ 18 Kanaafuu, inni nama gara laafina itti argisiisuu barbaadutti gara laafina ni argisiisa; nama mata jabeessa akka taʼu barbaaduuf immoo ni heyyamaaf.+
-