-
Baʼuu 7:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Faraʼoon garuu namoota ogeeyyii fi falfala raawwatan walitti ni qabe; luboonni Gibxii warri falfala raawwatanis+ falfala* isaaniitiin wantuma wal fakkaatu raawwatan.+ 12 Tokkoon tokkoon isaanii uleewwan isaanii yeroo darbatan, uleewwan sun bofa guguddaa taʼan; uleen Aaron garuu uleewwan isaanii ni liqimse.
-
-
Baʼuu 8:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Haa taʼu malee, luboonni falfaltoota taʼanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana fakkaatu raawwatan; isaanis raachawwan biyya Gibxii irratti akka baʼan ni godhan.+
-
-
Baʼuu 8:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Luboonni falfaltoota taʼan ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana godhanii bookee uumuuf kan yaalan taʼus,+ hin dandeenye. Bookeewwan sunis namaa fi horii irratti namʼan.
-
-
Baʼuu 9:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Dhiitoon sun luboota falfaltoota taʼanii fi warra Gibxii hundumaa irratti waan baʼeef, luboonni falfaltoota taʼan sun dhiitoo sanaan kan kaʼe Musee dura dhaabbachuu hin dandeenye.+
-
-
2 Ximotewos 3:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Akkuma Yaaneesii fi Yaambires Musee morman, isaanis dhugaa mormuu isaanii itti fufu. Namoonni akkasii, sammuun isaanii guutummaatti kan mancaʼe yeroo taʼu, amantii wajjin haala wal qabateen fudhatama dhabaniiru.
-