-
Baʼuu 7:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Faraʼoon garuu namoota ogeeyyii fi falfala raawwatan walitti ni qabe; luboonni Gibxii warri falfala raawwatanis+ falfala* isaaniitiin wantuma wal fakkaatu raawwatan.+ 12 Tokkoon tokkoon isaanii uleewwan isaanii yeroo darbatan, uleewwan sun bofa guguddaa taʼan; uleen Aaron garuu uleewwan isaanii ni liqimse.
-
-
Baʼuu 7:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Musee fi Aaronis yeruma sana akkuma Yihowaan isaan ajaje godhan. Innis Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa duratti ulicha ol fuudhee bishaan isa Laga Abbayyaa keessa jiru ni rukute; bishaan lagicha keessa jiru hundis gara dhiigaatti jijjiirame.+
-
-
Baʼuu 8:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Haa taʼu malee, luboonni falfaltoota taʼanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana fakkaatu raawwatan; isaanis raachawwan biyya Gibxii irratti akka baʼan ni godhan.+
-
-
Baʼuu 9:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Dhiitoon sun luboota falfaltoota taʼanii fi warra Gibxii hundumaa irratti waan baʼeef, luboonni falfaltoota taʼan sun dhiitoo sanaan kan kaʼe Musee dura dhaabbachuu hin dandeenye.+
-