LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 7:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Faraʼoon garuu namoota ogeeyyii fi falfala raawwatan walitti ni qabe; luboonni Gibxii warri falfala raawwatanis+ falfala* isaaniitiin wantuma wal fakkaatu raawwatan.+ 12 Tokkoon tokkoon isaanii uleewwan isaanii yeroo darbatan, uleewwan sun bofa guguddaa taʼan; uleen Aaron garuu uleewwan isaanii ni liqimse.

  • Baʼuu 7:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Musee fi Aaronis yeruma sana akkuma Yihowaan isaan ajaje godhan. Innis Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa duratti ulicha ol fuudhee bishaan isa Laga Abbayyaa keessa jiru ni rukute; bishaan lagicha keessa jiru hundis gara dhiigaatti jijjiirame.+

  • Baʼuu 7:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Haa taʼu malee, luboonni Gibxii warri falfaltoota taʼanis ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana ni raawwatan;+ kanaafuu, Faraʼoon garaan isaa didaa taʼuu isaa itti fufe; akkuma Yihowaan jedhes inni isaan hin dhageenye.+

  • Baʼuu 8:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Isaanis akkanuma ni godhan. Aaron harka isaa isa ulee ittiin qabate diriirsee awwaara lafaa rukute; bookeewwanis namaa fi horii irratti namʼan. Awwaarri lafa irraa hundis guutummaa biyya Gibxii keessatti bookee taʼe.+ 18 Luboonni falfaltoota taʼan ogummaa isaanii isa dhokataadhaan wantuma kana godhanii bookee uumuuf kan yaalan taʼus,+ hin dandeenye. Bookeewwan sunis namaa fi horii irratti namʼan.

  • Baʼuu 9:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Dhiitoon sun luboota falfaltoota taʼanii fi warra Gibxii hundumaa irratti waan baʼeef, luboonni falfaltoota taʼan sun dhiitoo sanaan kan kaʼe Musee dura dhaabbachuu hin dandeenye.+

  • 2 Ximotewos 3:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Akkuma Yaaneesii fi Yaambires Musee morman, isaanis dhugaa mormuu isaanii itti fufu. Namoonni akkasii, sammuun isaanii guutummaatti kan mancaʼe yeroo taʼu, amantii wajjin haala wal qabateen fudhatama dhabaniiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi