LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 27:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Yommuu isin Yordaanosiin ceetanitti gosti Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Yisaakor, Yoseefii fi Biiniyaam sabicha eebbisuuf Gaara Geriizim+ irra ni dhaabbatu. 13 Gosti Ruuben, Gaad, Asheer, Zaabiloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaarsa labsuuf Gaara Eebaal+ irra ni dhaabbatu.

  • Iyyaasuu 8:33, 34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Guutummaan Israa’el, jaarsoliin isaanii, geggeessitoonnii fi abbootiin murtii isaanii Leewwota luboota taʼan warra taabota kakuu Yihowaa baachaa turan dura Taaboticha irraa garanaa fi garasiin dhaabbachaa turan. Namoonni biyya ormaas taʼan lammiiwwan biyyattii+ achi jiru turan. Isaan saba Israaʼel eebbisuuf (Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe ajajee turetti),+ walakkaan isaanii Gaara Geriizim fuullee, walakkaan isaanii immoo Gaara Eebaal+ fuullee ni dhaabbatan. 34 Kana booda akkuma kitaaba Seerichaa+ keessatti barreeffametti, dubbii guutummaa Seerichaa, jechuunis eebbawwanii+ fi abaarsawwan+ sana sagalee isaa ol kaasee dubbise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi