-
Leewwota 11:13-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “‘Uumamawwan barrisan keessaa wantoonni jibbuu qabdanii fi jibbamoo waan taʼaniif nyaatamuu hin qabne kanneen kana dha: risaa,+ culullee qurxummii nyaatu, ruumicha gurraacha,+ 14 culullee diimtuu fi culullee gurraattii akaakuu hundumaa, 15 arraagessa akaakuu hundumaa, 16 guchii, hurunguu, simbirroo bishaanii, coroffee akaakuu hundumaa, 17 hurunguu xinnoo, haadha quufoo, hurunguu gurra dheeratu, 18 daakkiyyee guddoo, allaattii bishaanii, ruumicha, 19 allaattii awwaannisaa, haadha gaayyee akaakuu hundumaa, simbira guttiyyaa qabduu fi simbira halkanii. 20 Ilbiisonni baallee qabanii fi luka arfaniin deeman hundi isiniif jibbisiisoo dha.
-