-
Keessa Deebii 28:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Ajajawwan Waaqa kee Yihowaa warra akka eegduu fi akka raawwattu ani harʼa si ajaju kanaaf yoo ajajamte, Yihowaan mataa malee eegee si hin godhu; ati irra aanta+ malee jala hin taatu.
-
-
1 Mootota 4:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Innis mootota Lagicha irraa gamana jiran* hunda dabalatee, wantoota Lagicha+ gamana jiran hunda Tifsaadhaa hamma Gaazaatti+ ni toʼata ture; naannoowwan isatti marsanii jiran hunda keessa nagaan jira ture.+ 25 Guutummaa bara Solomoonitti namoonni Yihudaa fi namoonni Israaʼel Daanii jalqabee hamma Ber Sheebaatti argaman tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jalatti tasgabbiidhaan jiraatu turan.
-