-
Keessa Deebii 7:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Inni si jaallata, si eebbisa, si baayʼisas. Eeyyee, inni biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti+ ijoollee hedduu siif kennuudhaan,*+ oomisha lafa keetiitiin, oomisha midhaan keetiitiin, oomisha wayinii haaraa keetiitiin, oomisha zayitii keetiitiin,+ jabbilee horii keetii fi ilmoolee bushaayee* keetiitiin si eebbisa.
-
-
Keessa Deebii 28:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Yihowaan gootaraawwan kee fi wanta hojjettu hundumaa siif ni eebbisa;+ inni biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti dhugumaan si eebbisa.
-
-
Keessa Deebii 30:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan,+ daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, ajajawwan isaa, dambiiwwan isaa fi heerawwan isaa eeguudhaan ajajawwan Waaqa kee Yihowaa warra ani harʼa si ajaju yoo dhageesse, lubbuudhaan ni jiraatta,+ ni baayʼattas; Waaqni kee Yihowaanis biyya dhaaluuf jettu keessatti si eebbisa.+
-