-
Lakkoofsa 21:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Achii baʼanii naannoo Arnoon+ isa lafa onaa hamma daangaa Amoorotaatti fagaatu keessatti argamu keessa buufatan; sababiin isaas, Arnoon daangaa Moʼaab ishii Moʼaabii fi Amoorota gidduutti argamtu dha.
-
-
Abbootii Murtii 11:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Achiis Israaʼelonni, “Maaloo, biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami” jedhanii gara mootii Edoomitti+ ergamtoota ergan; mootiin Edoom garuu isaan hin dhageenye. Isaan gara mootii Moʼaabittis+ dhaamsa ni ergan; garuu innis tole hin jenne. Kanaafuu, Israaʼelonni Qaadesh+ keessa jiraachuu isaanii itti fufan. 18 Isaan yommuu lafa onaa keessa deemanitti, biyya Edoomii+ fi biyya Moʼaab irraa goranii darban. Biyya Moʼaab+ irraa kallattii bahaatiin imalanii naannoo Arnoon keessa buufatan; Arnoon daangaa Moʼaab+ waan turteef isaan daangaa Moʼaab keessa hin seenne.
-