-
Lakkoofsa 20:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Maaloo, biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami. Nuti maasii midhaanii yookiin maasii wayinii kam iyyuu keessa hin darbinu; boolla bishaanii kam iyyuu keessaa bishaan hin dhugnu. Hamma biyya kee keessaa baanutti gara mirgaattis taʼe gara bitaatti utuu hin garagalin Daandii Mootichaa qabannee deemna.’”+
18 Edoom garuu, “Biyya keenya keessa hin darbitu. Yoo darbite garuu, goraadeedhaan siin loluuf sitti nan baʼa” isaan jedhe.
-
-
Keessa Deebii 2:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Ani lafa isaa keessaa waan tokko illee dhaalaan waanan siif hin kennineef, Moʼaabii wajjin diinummaa hin uumin yookiin isa hin lolin; sababiin isaas, ani biyya Aar sanyii Looxiif dhaalaan kenneera.+
-
-
Keessa Deebii 2:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Lafa isan Amoonotaaf dhaalaan kenne irraa isa tokko illee waanan siif hin kennineef, yommuu Amoonotatti dhihaattu isaan hin dhiphisin yookiin isaan hin aarsin; sababiin isaas, biyyattii sanyii Looxiif dhaalaan kenneera.+
-