-
Keessa Deebii 11:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Isin ajaja Waaqa keessan Yihowaa akka jaallattan,+ daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemtanii fi isatti akka maxxantan+ ani isiniif kennu kana dhimmitanii yoo eegdanii fi hojii irra yoo oolchitan, 23 Yihowaan saboota kana hundumaa isin duraa ni ariʼa;+ isinis saboota isin caalaa ciccimoo taʼanii fi uummata hedduu qaban biyyaa ni ariitu.+
-