-
Keessa Deebii 21:6-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis jaarsoliin magaalaa reeffa sanatti dhihoo jirtu keessa jiraatan hundi goromsa mormi ishii sulula keessatti cabe sana irratti harka isaanii dhiqatanii,+ 7 akkana haa jedhan: ‘Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaasne; ijji keenyas dhiigni kun yommuu dhangalaʼu hin argine. 8 Yaa Yihowaa, sabni kee Israaʼel inni ati furte+ wanta kanaaf akka itti gaafatamu hin godhin; yakki dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufes saba kee Israaʼel gidduu akka taʼu hin godhin.’+ Sana booda isaan dhiiga sanaaf itti hin gaafataman. 9 Akka kanaan wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwachuudhaan yakka dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufu of gidduudhaa ni balleessita.
-