-
Leewwota 26:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 ani immoo wantoota kana isin irratti nan raawwadha: Dhiphinaan, daranyoo sombaatiin, akkasumas dhaqna gubaa cimaadhaan isin adabee ijji keessan akka dadhabuu fi lubbuun keessan akka dhumu nan godha. Diinota keessantu isa nyaata waan taʼeef, isin akkanumaan sanyii keessan facaaftu.+ 17 Ani fuula koo isinitti nan gurraachessa; isinis diinota keessaniin ni moʼamtu;+ warri isin jibban isin irra ejjetu;+ isinis eenyu illee utuu isin hin ariʼin ni baqattu.+
-
-
Daaniʼel 9:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Israaʼelonni hundi sagalee keetiif ajajamuu diduudhaan Seera kee waan cabsaniif, akkasumas waan irraa garagalaniif, ati abaarsaa fi kakaa isa Seera Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe sanaa keessatti barreeffame nu irratti fiddeetta;+ sababiin isaas, nuti cubbuu si irratti hojjenneerra.
-