-
Uumama 18:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Ol jedhee yommuu ilaalus, namoonni sadii xinnuma isa irraa fagaatanii dhaabbachuu isaanii arge.+ Yommuu isaan argus, balbala dunkaanichaa biraa kaʼee isaan simachuuf ni fiige; lafatti gombifamees ni sagade.
-
-
Abbootii Murtii 13:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis dubartiin sun dhaqxee akkana jettee abbaa manaa ishiitti himte: “Namni Waaqa dhugaa tokko gara koo dhufee ture; bifti isaa akkuma maleekaa Waaqa dhugaa baayʼee kan nama sodaachisu dha. Ani eessaa akka dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.+
-
-
Hojii Ergamootaa 1:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Yommuu inni deemus, utuma isaan hubatanii gara samii ilaalaa jiranii, akkuma tasaa namoonni uffata aʼadii uffatan lama+ isaan bira dhaabbatanii,
-