-
Iyyaasuu 8:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Achiis Iyyaasuun mootii Aayiin hamma galgalaatti muka irratti ni fannise; yeroo aduun lixuuf jettuttis reeffa isaa muka irraa akka buusan ni ajaje.+ Isaanis reeffa isaa karra magaalattii biratti gatanii tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan sunis hamma harʼaatti achuma jira.
-
-
Iyyaasuu 12:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Mootonni biyyattii warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatti argaman, warri Baʼaal Gaad+ isa Sulula Libaanon+ keessatti argamu irraa hamma Gaara Halaaq+ isa gara Seʼiiritti+ ol baʼu keessa jiraatan, warri Iyyaasuunii fi Israaʼelonni moʼan kanneen kana dha; sana booda Iyyaasuun biyya isaanii akka qooda qooda isaaniitti gosoota Israaʼeliif dhaalaan ni kenne;+
-