44 Kana malees, Yihowaan akkuma abbootii isaaniitiif kakatee+ turetti kallattii hundumaatiin boqonnaa isaaniif ni kenne; diinota isaanii hundumaa keessaa tokko illee isaan dura dhaabbachuu hin dandeenye.+ Yihowaan diinota isaanii hundumaa harka isaaniitti dabarsee ni kenne.+