-
Keessa Deebii 1:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Anis dura buutota gosoota keessanii warra ogeeyyii taʼanii fi muuxannoo qaban fuudhee ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii fi geggeessitoota gosoota keessanii godhee isin irratti isaan nan muude.+
-
-
Iyyaasuu 1:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Achiis Iyyaasuun akkana jedhee geggeessitoota sabichaa ajaje: 11 “Guutummaa buufatichaa keessa darbaatii, ‘Biyya Waaqni keessan Yihowaan akka dhaaltaniif isinii kennutti seentanii dhaalaan fudhachuuf guyyaa sadii keessatti Yordaanosiin waan ceetaniif, galaa qopheeffadhaa’ jedhaatii sabicha ajajaa.”+
-