-
Lakkoofsa 32:25-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubenis Museedhaan akkana jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee akkuma gooftaan keenya ajaje ni goona. 26 Ijoolleen keenya, haadhotiin manaa keenya, horiiwwan keenyaa fi beeladoonni keenya hundi magaalota Giiliyaad keessa ni taaʼu;+ 27 Haa taʼu malee, akkuma gooftaan keenya jedhe tajaajiltoonni kee, jechuunis dhiironni Yihowaa duratti waraana irratti hirmaachuuf hidhatan hundi ni ceʼu.”+
-