-
Keessa Deebii 6:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya siif kennuuf abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti, magaalota guguddoo fi gaggaarii ati hin ijaarretti+ yommuu si galchu,+ 11 gara manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa ati itti hin dadhabneen guutamanitti, gara boollawwan bishaanii ati hin qonnetti, akkasumas gara maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa* ati hin dhaabnetti yommuu si fiduu fi atis nyaattee yommuu quuftutti,+
-
-
Keessa Deebii 8:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan biyya gaarii,+ biyya lageen* qabdu, biyya burqaawwanii fi fincaaʼaawwan* dirree keessa, akkasumas naannoo gaarotaa keessa yaaʼan qabdutti si galcha; 8 biyya qamadii fi garbuutti, biyya mukeetii wayiniitti, biyya mukeetii harbuutti, biyya romaaniitti,+ biyya zayitii ejersaattii fi biyya dammaatti,+
-