-
1 Saamuʼel 13:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Filisxeemonnis Israaʼelota waraanuuf gaarii fardaa 30,000, abbootii fardeenii 6,000 fi loltoota lakkoofsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu walitti qabatan;+ achiis ol baʼanii Mikmaash ishii Beet Aween+ irraa gara bahaatti argamtu keessa buufatan. 6 Namoonni Israaʼel rakkina keessa akka galan waan hubataniif baayʼee dhiphatan; kanaan kan kaʼes namoonni sun holqa, hallayyaa, kattaa, mana lafa jalaa fi boolla bishaanii keessa ni dhokatan.+
-