-
Keessa Deebii 20:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Akkana isaaniin haa jedhu: ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi, amma isin diinota keessan waraanuuf jettu. Hin naʼinaa. Isaaniin kan kaʼe hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa yookiin hin hollatinaa; 4 sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan diinota keessan isiniif loluu fi isin oolchuuf isinii wajjin ni baʼa.’+
-
-
Abbootii Murtii 2:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Yihowaan yeroo abbootii murtii isaaniif kaasu hundatti,+ Yihowaan abbaa murtii sanaa wajjin taʼuudhaan guutummaa bara jireenyaa abbaa murtii sanaatti harka diinota isaanii jalaa isaan ni oolcha ture; sababiin isaas, namoota isaan cunqursanii+ fi gara jabinaan isaan qabaniin kan kaʼe waan aadaniif Yihowaan isaaniif ni gadda* ture.+
-