LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 16:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Boodas maleekaan Yihowaa burqaa lafa onaa keessa jiru, jechuunis burqaa daandii gara Shuuritti+ geessu irra jiru tokko biratti ishii arge.

  • Uumama 16:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis ishiin, “Ani amma isa na argu sana nan arge jechuu dhaa?” jechuudhaan, “Ati Waaqa wanta hundumaa argu dha”+ jettee maqaa Yihowaa isa ishiitti dubbachaa ture sanaa ni waammatte.

  • Uumama 32:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Dhuma irrattis Yaaqoob kophaa isaa hafe. Achiis namichi tokko hamma lafti bariʼutti isaa wajjin waldhaansoo gochuu jalqabe.+

  • Uumama 32:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Kanaafuu Yaaqoob, “Ani Waaqayyoon fuulleetti argeera; lubbuun koo garuu naaf oolteetti”+ jechuudhaan, maqaa iddoo sanaa Pheniʼel*+ jedhee moggaase.

  • Abbootii Murtii 13:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Maleekaan Yihowaa deebiʼee Maanoʼaa fi haadha manaa isaatti hin mulʼanne. Yeroo kanatti Maanoʼaan inni maleekaa Yihowaa+ akka ture ni hubate. 22 Achiis Maanoʼaan haadha manaa isaatiin, “Inni argine sun Waaqayyo waan taʼeef, duʼuun keenya hin oolu”+ jedhe.

  • Luqaas 1:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Maleekaan Yihowaas* iddoo aarsaa ixaanaa irraa kallattii mirgaatiin dhaabbatee isatti mulʼate. 12 Zakkaariyaas garuu yommuu isa argu naʼee akka malee sodaate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi