-
Baʼuu 14:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Gaariiwwan fardaa isaanii oofuun rakkisaa akka isaanitti taʼuuf, inni geengoo gaariiwwan fardaa sana ni bubuqqise; warri Gibxiis, “Yihowaan, warra Gibxii isaaniif lolaa waan jiruuf, kottaa Israaʼelota jalaa haa baqannu” jedhan.+
-
-
2 Mootota 7:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yihowaan buufanni warra Sooriyaa sagalee gaarii fardaa waraanaa fi sagalee fardeenii, akkasumas sagalee raayyaa waraanaa guddaa taʼe akka dhagaʼu godhee ture.+ Kanaafuu isaan, “Kunoo, isaan akka nu waraananiif mootiin Israaʼel mootota Heetotaa fi mootota Gibxii nutti biteera!” waliin jedhan. 7 Achiis yeruma sana kaʼanii dunkaanota isaanii, fardeen isaanii, harroota isaanii fi guutummaa buufatichaa akkuma jirutti dhiisanii galgala dukkana keessa lubbuu isaanii oolfachuuf baqatan.
-