-
Abbootii Murtii 7:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Giidewonis, “Miidiyaaniin rukutuuf gad buʼaa; iddoowwan bishaaniis hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti qabadhaa” jedhee guutummaa naannoo gaarotaa Efreem keessatti ergamtoota erge. Kanaafuu, namoonni Efreem hundi walitti ni qabaman; bishaan hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti argamus ni qabatan. 25 Kana malees bulchitoota Miidiyaan lamaan, jechuunis Oreebii fi Zeʼeebiin ni qabatan; Oreebiin qarsaa Oreeb+ irratti, Zeʼeebiin immoo iddoo cuunfaa wayinii Zeʼeeb biratti ni ajjeesan. Miidiyaaniin+ ariʼuu isaaniis itti fufan; achiis mataa Oreebii fi Zeʼeeb naannoo Yordaanositti gara Giidewon ni fidan.
-