-
Abbootii Murtii 2:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yeroo abbaan murtii sun duʼu garuu, ammas waaqolii kan biroo duukaa buʼuudhaan, isaan tajaajiluudhaan, akkasumas isaaniif sagaduudhaan abbootii isaanii caalaa gocha hamaa raawwatu turan.+ Gocha isaanii irraas taʼe mata jabina isaanii irraa hin deebine.
-
-
Abbootii Murtii 4:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Eehud erga duʼee booda garuu, Israaʼelonni ammas wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan.+
-
-
Nahimiyaa 9:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 “Isaan garuu akkuma boqonnaa argataniin, ammas wanta si duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ atis harka diinota isaanii warra isaan cunqursanitti* dabarsitee isaan kennite.+ Achiis isaan deebiʼanii gargaarsaaf si waammatan;+ atis samii keessa taatee isaan ni dhageesse; gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼes yeroo baayʼee isaan ni oolchite.+
-