-
Keessa Deebii 13:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Raajiin yookiin namni abjuu abjuʼatu sun garuu daandii Waaqni keessan Yihowaan akka irra deemtan isin ajaje irraa akka gortan gochuuf, Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa isin baasee fi mana garbummaa jalaa isin fure irratti akka finciltan waan isin jajjabeesseef haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼes of gidduudhaa balleessaa.+
-
-
Keessa Deebii 22:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Namni tokko haadha manaa nama kan biraa wajjin utuu ciisuu yoo argame, namichi dubartii sanaa wajjin ciisee fi dubartiin sun lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman.+ Akka kanaan wanta hamaa taʼe Israaʼel keessaa balleessi.
-