LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 3:23, 24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Kanaafuu, Yihowaan namichi lafa irraa argame sana akka misoomsuuf+ iddoo biqiltuu Eedan keessaa isa ariʼe.+ 24 Namicha achi keessaa erga baasee booda, karaa isa gara muka jireenyaatti geessu eeguuf kallattii bahaa iddoo biqiltuu Eedanitti kiruubelotaa+ fi goraadee bobaʼu isa utuu wal irraa hin kutin gaggaragalu ni kaaʼe.

  • Keessa Deebii 17:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Isa ajjeesuuf jalqaba ragoonni dhagaadhaan isa haa tuman; sana booda immoo namoonni hundi dhagaadhaan isa haa tuman. Wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+

  • Tiitoo 3:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Nama garee amantii babalʼisu,+ siʼa tokko gorsi,* siʼa lammaffaas gorsi;+ yoo dhagaʼuu dide immoo isa irraa fagaadhu;+

  • 2 Yohaannis 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Namni kam iyyuu gara keessan yoo dhufee fi barumsa kana yoo fiduu baate, mana keessanitti isa hin simatinaa+ yookiin nagaa isa hin gaafatinaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi