LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 17:2-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Dhiiras taʼe dubartii namni magaalota kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kennu kam iyyuu keessatti si gidduu jiraatu tokko wanta Waaqa kee Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwata yookiin kakuu isaa ni cabsa taʼa;+ 3 akkasumas karaa irraa goree waaqolii kan biroo ni waaqeffata, isaaniif yookiin aduudhaaf yookiin addeessaaf yookiin raayyaa samii hundumaatiif sagaduudhaan+ wanta ani hin ajajne ni raawwata taʼa.+ 4 Dhimmi kun yoo sitti himame yookiin waaʼee isaa yoo dhageesse, dhimmicha akka gaariitti qoradhu. Wanti jibbisiisaan kun Israaʼel keessatti raawwatamuun isaa yoo mirkanaaʼe,+ 5 dhiiras taʼe dubartii nama wanta hamaa kana raawwate gara karra magaalattiitti fidi; namni sunis dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu.+

  • Roomaa 16:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Ammas yaa obbolootaa, warra barumsa isin barattan mormuudhaan isin gidduutti wal qoqqooduu uumanii fi warra kaan gufachiisan irraa akka of eeggattan isinan gorsa; isaan irraa fagaadhaa.+

  • 1 Qorontos 5:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Amma garuu kanan isiniif barreessu, nama obboleessa jedhamee utuu waamamuu, halalee* yookiin sassattuu+ yookiin waaqolii tolfamoo kan waaqeffatu yookiin nama kan arrabsu yookiin machooftuu+ yookiin saamtuu+ taʼee wajjin michummaa qabdan akka dhiistaniifi;+ nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi