-
Abbootii Murtii 2:20-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Dhuma irrattis dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe;+ innis akkana jedhe: “Sabni kun kakuu koo isa ani akka eegan abbootii isaanii ajaje waan cabseef,+ anaafis ajajamuu waan dideef,+ 21 ani immoo saboota Iyyaasuun duʼuu isaa dura toʼannaa jala hin galfanne keessaa tokko illee isaan duraa hin ariʼu.+ 22 Kana kanan godhus Israaʼel akkuma abootiin isaa godhan daandii Yihowaa+ irra deemuudhaan daandicha kan eegu taʼuu fi dhiisuu isaa qoruufi.” 23 Kanaafuu, Yihowaan saboonni sun achumatti akka hafan heyyameera. Inni hatattamaan isaan hin ariine; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan hin kennine.
-