LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 24:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Museenis dhufee dubbii Yihowaa hundumaa fi heerawwan isaa hundumaa sabichatti hime;+ guutummaan sabichaas sagalee tokkoon, “Nuti dubbii Yihowaan dubbate hundumaa raawwachuuf fedhii qabna”+ jedhanii deebisan.

  • Baʼuu 24:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Kanaafuu, Museen dhiigicha fuudhee sabicha irratti facaasuudhaan,+ “Kun dhiiga kakuu isa dubbii kana hundumaa wajjin haala wal simuun Yihowaan isinii wajjin gale sanaa ti” jedhe.+

  • Baʼuu 34:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yihowaanis itti fufuudhaan Museedhaan, “Ani akkuma jechoota kanaatti sii wajjinii fi Israaʼelii wajjin kakuu waanan galuuf,+ wantoota kana barreessi”+ jedhe.

  • Keessa Deebii 29:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Kakuu inni Horeeb keessatti isaanii wajjin galeen alatti, dubbiin kakuu Yihowaan biyya Moʼaab keessatti saba Israaʼelii wajjin akka galu Musee ajaje kana dha.+

  • Iyyaasuu 23:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kakuu Waaqa keessan Yihowaa isa inni akka eegdaniif isin ajaje yoo cabsitan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi isaaniif yoo sagaddan, dheekkamsi Yihowaa isin irratti ni bobaʼa;+ isinis yeruma sana biyya gaarii inni isiniif kenne irraa ni balleeffamtu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi