-
Abbootii Murtii 3:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaan kan kaʼes, dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; innis mootii Mesophotaamiyaa* kan taʼe Kuushaan Rishaataayimitti dabarsee isaan gurgure. Israaʼelonnis Kuushaan Rishaataayimiin waggaa saddeetiif ni tajaajilan.
-
-
2 Mootota 17:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Yihowaan fuula isaa duraa hamma isaan balleessutti sanyiiwwan Israaʼel hunda ni dhiise; isaan ni salphise; akkasumas harka warra saamtotaatti dabarsee isaan kenne.
-
-
Faarfannaa 106:40, 41Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
40 Kanaafuu, dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti ni bobaʼe,
Dhaala isaas ni jibbe.
-