-
1 Saamuʼel 6:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Isaanis akkana jedhanii isaaniif deebisan: “Taabota kakuu Yihowaa Waaqa Israaʼel yoo deebistan, harka duwwaa deebistanii hin erginaa. Aarsaa yakkaaf dhihaatuu wajjin isaaf erguu qabdu.+ Kana yoo gootan qofa fayyitu; harki isaa isin irraa kan hin deebine maaliif akka taʼes ni hubattu.” 4 Yeroo kanatti isaan, “Aarsaa yakkaaf dhihaatu akkamii isaaf erguu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii akkana jedhan: “Dhaʼichi isiniinis taʼe bulchitoota keessan rukute kan wal fakkaatu waan taʼeef, akka lakkoofsa bulchitoota Filisxeemotaatti+ kormammuu* warqii shanii fi hantuuta warqii shan ergaa.
-