LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 1:39, 40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Saadoq lubichis gaanfa zayitichaa+ dunkaana+ keessaa fudhatee Solomooniin ni dibe;+ isaanis xurumbaa afuufuu jalqaban; namoonni sun hundis, “Solomoon Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhanii iyyuu jalqaban. 40 Sana booda namoonni sun hundi ulullee afuufaa fi baayʼee gammadaa isa duukaa buʼanii ol baʼan; iyya isaanii irraan kan kaʼes lafti ni baqaqxe.+

  • 2 Mootota 11:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis Yehoyaadaan ilma mootichaa+ gad baasee gonfoo fi Dhugaa Baatuu*+ sana isa irra kaaʼe; isaanis mootii isa godhan; akkasumas isa diban. Harka isaanii walitti rukutaniis, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhan.+

  • 2 Mootota 11:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Achiis akkuma barsiifata yeroo sanaatti mootichi utubaa sana bira dhaabbatee isa argite.+ Ajajjoonnii fi warri malakata afuufan+ mootichaa wajjin turan; namoonni biyyattii hundis gammadaa fi malakata afuufaa turan. Yeroo kanatti Ataaliyaan uffata ishii tarsaastee, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite.

  • 1 Seenaa Baraa 12:39, 40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Obboloonni isaanii isaaniif qopheessanii waan turaniif, isaan nyaachaa, dhugaas guyyaa sadiif Daawitii wajjin achuma ni turan. 40 Kana malees Israaʼel keessa gammachuu guddaan waan tureef, warri isaanitti dhihoo jiran, akkasumas warri hamma Yisaakor, Zaabiloonii fi Niftaalemitti fagaatanii jiran illee harreetti, gaalatti, gaangee fi loonitti feʼanii nyaata ni fidan; wantoonni isaan fidanis daakuu, bixxillee harbuu fi bixxillee zabiibii, daadhii wayinii, zayitii, akkasumas loonii fi hoolota hedduu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi