-
Keessa Deebii 31:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Ergan duʼee booda, isin hammina akka raawwattanii fi daandii ani waaʼee isaa isin ajaje irraa akka gortan akka gaariittan beeka.+ Isin wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwattu; hojiiwwan harka keessaniitiinis isa ni dheekkamsiistu; kanaan kan kaʼes, gara fuulduraatti dhugumaan badiisni isinitti ni dhufa.”+
-
-
1 Saamuʼel 12:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Sagalee Yihowaatiif ajajamuu diddanii ajaja Yihowaa yoo mormitan garuu, harki Yihowaa isinii fi abbootii keessan ni adaba.+
-