-
1 Saamuʼel 13:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Saaʼol Israaʼel keessaa namoota 3,000 ni filate; isaan kana keessaa namoonni 2,000 Mikmaashii fi naannoo gaarotaa Beetel keessa Saaʼolii wajjin turan; namoonni 1,000 immoo Gibeʼaa+ ishii Biiniyaamitti argamtu keessa Yonaataanii+ wajjin turan. Namoonni hafan immoo gara dunkaana isaaniitti akka deebiʼan godhe. 3 Achiis Yonaataan buufata loltoota Filisxeemotaa+ isa Geebaatti+ argamu ni rukute; Filisxeemonnis waaʼee kanaa ni dhagaʼan. Yeroo kanatti Saaʼol, “Warri Ibrootaa haa dhagaʼan!” jechuudhaan guutummaa biyyattiitti xurumbaan* akka afuufamu godhe.+
-