-
1 Saamuʼel 17:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeroo kanatti namoonni Israaʼel akkana jedhu turan: “Namicha as baʼaa jiru sana ni argituu? Inni Israaʼelotatti qoosuuf* dhufa.+ Nama isa ajjeesuuf mootichi qabeenya guddaa ni kenna; intala isaa itti heerumsiisa;+ manni abbaa isaas Israaʼel keessatti dirqama akkamii irraa iyyuu bilisa akka taʼu godha.”
-
-
1 Saamuʼel 18:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Daawit namoota isaa wajjin deemee Filisxeemota 200 ni ajjeese; gaaʼelaan mootichatti firoomuufis qolofa hunduma isaanii mootichaaf ni fide. Kanaan kan kaʼes, Saaʼol intala isaa Miikaaliin isatti ni heerumsiise.+
-