-
Iyyaasuu 15:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Achiis Kaaleb, “Nama Qiriyaat Seefer rukutee ishii qabatuuf intala tiyya Aksaa isatti nan heerumsiisa” jedhe.
-
-
1 Saamuʼel 18:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yeroo booda Saaʼol Daawitiin, “Intalli tiyya ishiin angafaa Meeraab+ kunoo ti. Haadha manaa akka siif taatu ishii siifan kenna.+ Haa taʼu malee, ati goota naaf taʼuu kee fi waraana Yihowaa loluu kee itti fufuu qabda”+ jedhe. Saaʼol kana kan jedhe, ‘Harka Filisxeemotaa irratti haa duʼu malee, ani harka koo isa irratti hin kaasu’ jedhee waan yaadeef ture.+
-