3 Ilmaan Daawit warri inni Kebroon keessatti dhalche kanneen kana turan:+ ilmi isaa inni angafaa Amnoon+ yeroo taʼu, haati isaa Ahinoʼaam+ ishii nama biyya Yezriʼel taate turte; ilmi isaa inni lammaffaan Daaniʼel yeroo taʼu, haati isaa Abigaayil+ ishii nama biyya Qarmeelos taate turte;