-
1 Saamuʼel 24:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis Daawit Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati dubbii namoota, ‘Kunoo, Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan sanaa maaliif dhageessa?+
-
-
1 Saamuʼel 24:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Ammas kunoo, yaa abbaa koo, fiixeen uffata keetii na harka akka jiru ilaali; fiixee uffata keetii yommuun kutu si ajjeesuu nan dandaʼan ture; ani garuu si hin ajjeesne. Ani si miidhuufis taʼe si irratti fincila kaasuuf akkan hin yaanne, kunoo amma ilaaluu fi hubachuu dandeessa; ati lubbuu koo balleessuuf na adamsaa+ kan jirtu taʼus, ani si irratti cubbuu hin hojjenne.+
-