-
2 Saamuʼel 2:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Sana booda namoonni Yihudaa dhufanii, achitti Daawitiin mana Yihudaa irratti mootii godhanii diban.+
Isaanis, “Saaʼoliin kan awwaalan namoota Yaabeesh Giiliyaadi” jedhanii Daawititti himan. 5 Kanaafuu, Daawit gara namoota Yaabeesh Giiliyaaditti ergamtoota ergee akkana isaaniin jedhe: “Isin isa awwaaluudhaan gooftaa keessan Saaʼolitti jaalala amanamaa waan argisiistaniif Yihowaan isin haa eebbisu.+
-