-
2 Saamuʼel 1:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko uffata isaa tarsaasee, mataa isaa irrattis biyyoo firfirsee buufata Saaʼol keessaa dhufe. Daawit bira yommuu gaʼus lafatti gombifamee sagade.
-
-
2 Saamuʼel 1:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Daawitis, “Mee natti himi, maaltu taʼe?” jedhee isa gaafate. Yeroo kanatti namichi, “Loltoonni Israaʼel dirree waraanaatii baqataniiru; namoonni hedduunis kufaniiru, akkasumas duʼaniiru. Saaʼolii fi ilmi isaa Yonaataan iyyuu duʼaniiru” isaan jedhe.+
-